Maths Grade 12 New Textbook
Maths Grade 12 New Textbook
Maths Grade 12 New Textbook
KITAABA BARATAA
KUTAA 6FFAA
አ ዲ ስ አ በ ባ ከ ተ ማ አ ስ ተ ዳ ድ ር ት ም ህ ር ት ቢ ሮ
BIIROO BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI
CITY GOVERNMENT OF ADDIS ABABA EDUCATION BUREAU
Kitaaba Barataa Kutaa 6FFAA
BARNOOTA SAFUU
KITAABA BARATAA
KUTAA 6FFAA
Bara 2015/2023
Finfinnee, Itoophiyaa
OF-EEGGANNOO KITAABA KANAAF TAASIFAMUU QABU
) Kitaabni kun qabeenya mana barumsaa keeti.
5. Kitaaba kana mallattoo itti godhachuu yoo barbaadde waraqaa xiqqoo ykn
kaardii fayyadami.
6. Fakkii fuula kitaaba kana irra jiru kutuun ykn irratti barreessuun dhorkaadha.
7. Kitaabni kun akka tasaa yoo tarsa’e battalumatti hapheedhaan qabsisuu qabda.
8. Kitaaba kana erga fayyadamteen booda haala gaariin bakka mijataa kaa’uu
qabda.
9. Kitaaba haaraa kana yeroo jalqabaaf yeroo fayyadamtu fuula jalqabaa suuta
saaquu qabda.
10. Erga saaqxeen booda akka hin cinnetti suuta jedhii dugda isaa gadi qabi.
Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, 2015/2023
I
Qabiyyee
Baafata
II
Fuula
2
3
7
9
14
14
16
18
19
20
20
21
21
2.4.6 Gibira dhoksuu (Gibira seeraan kaffaluu dhiisuu)
2.4.7 Bilisummaa dhabuu
2.4.8 Haqni dhabamuu
BOQONNAA SADII: AMALA GAARII
22
22
26
26
28
29
30
30
32
21
3.4 Karaalee Amala Gaarii Ittiin Dagaagfatan 34
3.4.1 Of to’achuu 34
3.4.2 Seeraan Buluu 35
3.4.3 Duudhaalee Hawaasaa Kabajuu 36
3.4.4 Seeraafi Dambii Mana Barnootaa Kabajuu 37
3.5. Miidhaa Dhabamuu Amala Gaarii 38
BOQONNAA AFUR: HIRMAANNAA SOCHIILEE HAWAAS-DINAGDEE 43
4.1 Yaad-rimee Sochii Hawaas-Dinagdee 43
4.2 Hirmaannaa Hojiilee Tola Ooltummaa 46
4.3 Yeroo Boqonnaa Faayidaa Walootiif Oolchuu 48
4.4 Gahee
Amanamumaan Gibira Kaffaluufi Qusannoon Sochiilee Hawaas-Dinagdee
Keessatti Qabu............... 49
BOQONNAA SHAN: JAALALA BIYYAA 56
5.1 Maalummaa Jaalala Biyyaa 56
5.2 Ibsitoota Jaalala Biyyaa 58
5.3 Barbaachisummaa Jaalala Biyyaa 59
5.4 Amaloota Nama Jaalala Biyyaa Qabuu 60
62
5.5 Biyya Ofii Jaalachuu
BOQONNAA JAHA: NAGEENYAAFI WALTA’IINSA 67
6.1 Nageenya 68
6.1.1 Yaad-rimee Nageenyaa 69
6.1.2 Barbaachisummaa Nageenyaa 69
III
BARNOOTA SAFUU KITAABA BARATAA KUTAA 6FFAA
Hawaasni kamiyyuu waan gaarii, fudhatama qabu, qajeelaa, sirriidha jedhu niqaba.
Isaan kanneen akka qajeelfama amalaafi duudhaa waliin jiraachuufi waliin hojjechuu
dhalootaa dhalootatti darbu godhee fudhata. Ittidabalees, duudhaan waliin jiraachuu
kun dhala namaa gidduutti walitti bu’iinsiifi jeequmsi akka hin uumamneef gahee
guddaa taphata. Safuun faayidaalee kanneen akka: tokkummaa hawaasaa
eeguu, yaaddoo namootni qaban xiqqeessuu, walitti dhufeenya namootaa
dagaagsuu, waldhabdee karaa nagaadhaan furuufi waan gaarii jajjabeessuufi
badhaasuuf, waan yaraa ta’e immoo qeequufi abaaruu fa’a qaba.
Yeroo ammaa barnootni safuu waliin jireenya dhala namaatiif haalduree baay’ee
barbaachisaa ta’edha. Hagam nama qaroome yoo taaneyyuu, duudhaafi safuu
hawaasaatiif iddoo guddaa kennuu qabna. Duudhaaleen safuu nuti amma qabnu
sadarkaa namni tokko waan yaraa nama akkasaa irratti akka hin raawwanne dhorkurra
kan ga’e miti. Kanaafuu, barnootni safuu yeroo ammaa kan duraanii caalaa baay’ee
barbaachisaadha. Duudhaalee safuu hawaasa keenyaa ofitti fudhachuun kan itti
maayii baanu yoota’e, gochaalee yaraafi gara jabinaan dhalli namaa walii isaafi
uumama biroo irratti raawwatu xiqqeesuu nidandeenya. Barnootni safuu waa’ee
gaarummaa, amanamummaa, ofto’achuu, kutannoo, hiriyummaa, of tuuluu
dhiisuu, kabajaafi wal danda’uu irratti xiyyeeffachuun kan barsiisudha.
IV
IV
BARNOOTA SAFUU KITAABA BARATAA KUTAA 6FFAA
BOQONNAA TOKKO
AMANAMUMMAA SAFUU
Bu’aalee Barachuu
Xumura boqonnaa kanaatti:
) maalummaa amanamummaa safuu nihubatta;
) amaloota amanamummaa safuu nibeekta;
) barbaachisummaa amanamummaa safuu niyaadatta;
) amaloota nama amanamummaa safuu qabuu nicalaqqisiifta;
) miidhaa dhabamuu amanamummaa safuu adda nibaasta.
Seensa
Boqonnaa kana keessatti dhimmoota amanamummaa safuu waliin wal qabatan nibaratta.
Tokkoon tokkoon keenya miseensa hawaasaati, jireenya kana keessatti maatii,
ollaafi hawaasa mana barnootaa waliin hariiroo niqabaanna. Haala kana keessatti
maalummaa, faayidaafi miidhaa amanamummaa safuu nihubatta.
Namni amanamummaa safuu qabu duudhaa armaan olitti tarreeffaman dhuunfaanis ta’e
hawaasa keessatti nicalaqqisiisa. Duudhaaleen kunneen mata- duree armaan gadii keessatti
bal’inaan ibsamaniiru.
1. Namni tokko ofiisaaf amanamaa ta’uu qaba. Namni ofiisaaf hinamanamne, namoota
biroof hinamanamu. Namootni amanamummaa dhugaa qabaachuuf immoo gochaalee
isaanii xiinxaluu qabu. Gaaffilee kanneen akka:
; Yoo gocha ani dalage namootni argan ittan qaana’aa?
; Gochikoo ilaalchakoo isa sirrii bakka nibu’aa kan jedhu of gaafachuu qabna. Deebiin
gaaffilee kanaa quubsaa ta’uu yoobaate, gochaaleen akkanaa akka irra hin deebi’amne
gochuu qaba.
2. Amanamummaan safuu ofitti amanummaa wajjin hariiroo cimaa qaba. Namootni
amanamummaa safuu qaban: waan gaarii hojjechuurraa of hinqusatan, gocha dogoggoraa
yoo argan hincallisan. Fakkeenyaaf, barataan amanamummaa safuu qabu osoo barataan
tokko biqiltuu cabsuu yoo arge itti himee dhaabsisuuf kutannoo qaba.
3. Namni amanamummaa safuu qabu, namoota naannoo isaa waliin hariiroo gaarii qaba;
iccitii namoota biroos ni eega; haala kamiin keessatti dhugaa dubbata; nama hin hamatu.
Qordhimma 1
Tolaan barataa kutaa 6ffaati. Guyyaa tokko barsiisaan herregaa dhuma torbaniitti
hojjetanii akka xumuraniif hojii manaa kenneef. Haata’u malee, Tolaan gaaffi
kennameef yeroo jedhametti furuu hin dandeenye. Hiriyoonni isaa garuu adabbii jalaa is
baraaruuf akka inni isaan irraa garagalchee barsiisaa isaatiif galchu yaada dhiyeessaniif
Tolaan garuu barataa amanamaa waan tureef gaafficha furuu akka dadhabe barsiisa
isaatti himate. Barsiisaan isaas yeroo barataa turetti rakkoon Tolaa mudate isa
mudachuu yaadachuudhaan mala haaraa gaafficha ittiin furan daree guutuutti agarsiise
Amanamummaan Tolaa daree guutuun tooftaa haaraafi salphaa ta’een gaafficha akka fura
isaan dandeessisee jira.
B. Kutannoo: Kutannoon dandeettii namni tokko waan sirriidha jedhee amane raawwachuuti.
Qordhimma 2
Kennaafi Seenaan kubbaa miilaa waliin taphatu turan. Osoo taphataa jiranuu Kennaan
goolii galcheen jira yommuu jedhu, Seenaan garuu sarara hindabarre waan ta’eef hingalle
jechuun morme. Haalli kun gara waldhabdeetti isaan geesse. Falmiin isaaniis xiyyeeffannoo
barattootaa akka harkisu taasise. Barattootni lameenuu haala isaanii kana maaliif nageenyaan
hin xumurru jechuun yaadan. Kennaan garuu yoon jalqaba irratti walfalmii kana dhiise,
barattootni biroon sodaataadha naan jedhu jechuun yaadda’e. Gama biroon Seenaan barataa
amanamaa waan ta’eef, ejjennoon mormuudhaan goolichi akka hin galle amansiise. Kunis
akka inni yeroo hundumaa waan sirrii raawwachuu qabu hiriyaa isaa barsiise. Haalli kun
kan agarsiisu murtoo sirrii kennuuf ofitti amanamummaa keetiin malee yaada namoota biroo
irratti hundaa’uu akka hinqabne kan ibsudha.
C. Namaaf yaaduu: namaaf yaaduun dandeettii rakkoo namoota biroo akka rakkoo ofiitti
ilaaluuti.
# Hiriyaankee rakkoo keessa yoo jiraate akkamitti hubachuu dandeessa?
# Hiriyaakee kana gargaaruuf tarkaanfii akkamii fudhatta?
Qordhimma 3
Olaantuufi Kumeen waliif hiriyaadha. Lameen isaanii daree keessa waliin taa’u; yeroo
laaqanaas waliin taphatu. Lamaan isaaniiyyuu barattoota gaariidha. Guyyaa tokko Olaantuun
rifeensa ishee osoo hinfilatiniifi uffata xuraawaan mana barnootaa dhufte. Isheenis baay’ina
hojiirraa kan ka’e yeroo dhabuun akkasitti mana barnootaa dhufuu ishee Kumeetti himte.
Kumeenis seenaa kana yeroo dhageessu baay’ee gadduun yommuu manatti galtullee waa’ee
rakkoo Olaantuu yaaddi.
Namaaf yaaduu jechuun amala miira namoota biroo ittiin hubatan jechuudha. Kunis
namoonni walitti dhufeenyaan seenaa walii waliisaanii akka hubataniif gargaara. Namni
amanamummaa safuu dhugaa qabu:
Qordhimma: 4
Soorettiifi Ayyaantuun ollaa walii jiraatu. Maatiin Ayyaantuu meeshaalee taphaafi uffata
qaalii ta’an bituuf. Maatiin Soorettii garuu kana gochuu hindanda’an. Ayyaantuun meeshaalee
taphaa kana hiriyoonni ishee akka hinaafaniif fudhattee gadi ba’uun taphatti. Soorettiin
meeshaalee kanaan taphachuuf yoo gaafattu Ayyaantuun yeroo hundaa nididdi. Yeroo tokko
maatiin Ayyaantuu balaa tasaan qabeenyaa qaban hundaa dhaban. Isaanis Ayyaantuun maatii
Soorettii waliin akka jiraattuuf mana isaaniitti ergan. Ayyaantuunis Soorettiin waanan kanaan
dura ishee irratti raawwadhe narratti raawwatti jettee yaaddofte. Haata’u malee, Soorettiin
jaalalaafi kabajaan Ayyaantuu simattee keessummeessite.
# Qordhimma armaan olii irraa faayidaan oftuuluu dhiisuu maal akka ta’e hubattaa?
# Faayidaan namoota walqixatti ilaaluu maali?
Namoonni amanamummaa safuu qaban ofii isaanii namoota biroo wajjin walqixa jedhanii
yaadu. Namootas osoo gargar hinbaasin ija walqixaan ilaalu. Namoonni hiyyeessaafi sooressa
jechuun nama gargar qoodan amanamummaa safuu hinqaban.
E. Ittigaafatamummaa: jechuun gochaafi murtii keenyaaf ittigaafatamummaa fudhachuu
jechuudha.
Qordhimma: 5
Kutaa Faaxumaan barattuuf abbaltiin garee kennamee ture. Abbaltichas hojjetanii galchuu
kan qaban torbee tokko keessatti ture. Fiixaan ba’iinsa abbaltichaaf garee hunda keessatti
qindeessaa nama tokko tokko filatan. Qindeessitoota filataman keessaas Faaxumaan ishii
tokko turte. Gareen Faaxumaa abbaltii kennameef yeroo jedhame keessatti xumuruu
hindandeenye. Sababni isaas barattootni tokko tokko yeroo jedhame keessatti xumuruu
hindandeenye waan ta’eefi. Kana irraa ka’uudhaan Faaxumaan barattoota yeroo kennameef
keessatti hojjetanii hindhufne barsiisaa ishiitti gabaasuudhaan kana booda ittigaafatamummaa
keessan hinfudhadhu jette.
Haata’u malee, akka qindeessaa gareetti Faaxumaan ittigaafatamummaa hundaa nan baha
jettee fudhattee turte. Kana irraa ka’uudhaan yeroo jedhame keessatti xumursiisuu dhabuun
sababii ani ittigaafatamummaa koo seeraan hinbaane waan ta’eef balleessaan kan kooti
jechuun deebitee barsiisaa ishii dhiifama gaafatte. Barsiisaan ishiis ittigaafatamummaa ishii
kana dinqisiifachuun yeroo abbaltiin itti galuu qabu guyyaa lama itti dabaleef. Miseensonni
garee ishiis baay’ee gammaduudhaan humnaafi yeroo isaanii guutuu fayyadamuudhaan
guyyaa jedhametti abbaltii isaanii xumuranii galchan.
Qordhimma 6
Aadde Daraartuun ijoollee lama qabdi turte. Bakka hojii ishii irraa galgala sa’aatii 12:00tti
dhufuun ijoollee ishee waliin dabarsiti. Ijoollee ishees waa’ee amanamummaa, naamusa
gaariifi aadaa hojii cimaa akka qabaatan barsiisti. Yeroo hunda dhugaa akka dubbatan isaan
jajjabeessiti. Aadde Daraartuun guyyaa ijoolleen ishee mana barumsaa hinqabne isaaniin
qabattee bakka hojii ishii deemti. Ijoolleen ishiis yeroo hunda gorsa gaarii haadha isaanii
irraa nidhaga’u. Haata’u malee, akkaataa ishiin hojjettoota ishii itti kunuunsitu yommuu
ilaalan, akka haati isaanii hojjettoota isheef kabaja hinqabne hubatan. Kana malees, gibira
mootummaaf kaffaluu qabdu seeraan akka kaffalaa hinjirres dhagahaa turan. Bu’uura kanaan
ijoolleen wanta haati isaanii jettuufi gocha isheen hojjettu gidduu garaagarummaan akka jiru
hubatan.
Gocha 1.3: Seeneffama armaan olii irratti hundaa’uun gaaffilee itti aananii jiran irratti
mari’achuun deebisaa.
# Amaloota nama amanamummaa qabuu kan armaan olitti ibsame keessaa aadde
Daraartuun isa kam agarsiiste?
Amalliifi gochi namoota amanamummaa safuu qabanii walfakkaata. Galmoota ifa ta’e kan
kaa’ataniifi gocha isaanii kanaan walsimsiisuun kan raawwataniidha. Namoonni yaada
akkasii qaban namoota naannoo isaanii jiraniif fakkeenya gaariidha.
Gocha 1.4: G
aaffilee armaan gadii irratti hiriyoota keessan waliin mari’achuun deebisaa.
1. Faayidaa amanamummaadhaan hojjechuun qabu keessaa muraasa tarreessi.
2. Hawaasa amanamummaa safuu qabu keessa jiraachuun faayidaa maalii qaba?
Fakkeenyaaf, barataan tokko manaa maatii isaaf ajajamaa mana barnootaatii immoo
qormaata kan hatu yoo ta’e amanamummaa hinqabu jechuudha. Barataa amanamummaa
qabu ta’uuf, namootni isa arganiif yookiin dhiisaniif osoo hintaane ofii isaatiin karaa sirrii
ta’een amanamummaa gabbifachuu qaba. Amala nama amanamummaa qabuu keessaa
tokko ofitti amanamummaa olaanaa qabaachuudha. Namoota biroo biratti jaallatamuuf
jecha amanamummaa isaanii hingatan. Dhiibbaa alaa itti dhufus haala salphaa ta’een
ofirraa ittisuu nidanda’u.
Namni amanamummaa qabu nama hundaaf kabaja niqabaata. Kanaafuu, namoota biratti
kabaja guddaa qabu. Hiriyyoota isaanii, barsiisota isaanii yookiin maatii isaanii irraa kabaja
hindhaban. Nama hundumaa akkuma barsiisaa isaanii kabajanitti nikabaju.
Namni amanamummaa qabu waan hinbeekne tokko sobee beeka jedhee amanee hin fudhatu.
Namoota biratti jajamuuf jecha waan hinbeekne fakkeessanii hinhojjetan. Jecha biraatiin,
namoonni akkasii ofii isaaniitiifis ta’e namoota biroof amanamoodha. Amanamummaan
isaanii kunis akka isaan waan haaraa barataa deeman isaan dandeessisa.
Gocha 1.6: Gaaffilee armaan gadii irratti hiriyoota kee waliin mari’achuun deebisi.
1. Miidhaa dhabamuun amanamummaa safuu fidu keessaa muraasa isaanii tarreessi.
2. Mana barnootaa keessatti fakkeenya gochaalee dhabamuu amanamummaa safuu
ta’an ibsaa.
Fakkeenyaaf, barataan hiriyoota isaatti seenaa himaa jiru tokko isaan kofalchiisuuf jecha
soba itti makaa deema haajennu. Soba akka itti dabalee dubbataa jirus nibeeka. Haa ta’u
malee, xiyyeeffannaa hiriyoota isaa argachuuf jecha amanamummaa isaa dhabaa jira
jechuudha. Gochi xixiqqoon akkasii irra deddeebi’aa yoo deeme amanamummaa irratti
dhiibbaa guddaa niqabaata.
Namni gochi isaa amantaa isaa isa dhugaa hincalaqqisiifne fakkeessaa (hypocrat) jedhama.
Yoo gochi nama tokkoo amala inni qaburraa adda ta’e namoota naannoo isaa jiran irraa
amantaa dhaba. Fakkeessitoonni hariiroo wal amantaarratti ijaarame waan hin qabneef
gonkumaa namoota waliin walitti dhufeenya gaarii hinqaban. Akkasumas, dubbii isaaniif
hin amanaman; iccitii namaas hineegan.
Yeroo hedduu namoonni gochoota akka sobaa, hannaafi gowwoomsaa raawwatan ofitti
amanamummaa isaanii hir’isu. Namoonni amanamummaa safuu hinqabne malaanmaloodha.
Namoonni aangoo qaban tokko tokko waa’ee bu’aa isaanii qofa yaadu. Kanaafuu, namoonni
akkasii fedhii isaanii guuttachuuf wantoota qaalii ta’an kan bitaniifi araada hintaaneen kan
qabamaniidha. Hawaasni itti gaafatamummaa hinqabnes, yeroo yakki raawwatamu ejjennoon
hinmorman.
Guduunfaa
Namni amanamummaa safuu qabu ofii isaatiifis ta’e namoota biroof amanamaadha.
Amanamummaa jechuun haala kam keessattiyyuu dhugaa dubbachuu danda’uu jechuudha.
Duudhaalee namoota amanamummaa qabanii kan ta’an: amanamaa ta’uu, oftuuluu dhiisuu,
ittigaafatamummaa bahuu, amala hinjijjiiramne qabaachuu, kutannoo qabaachuufi namaaf
yaaduu fa’a. Namoonni amanamoon dadhabbii namoota biroo irraa bu’aa argachuuf
hinkaroorfatan; waan kan isaanii hintaane hinfudhatan. Yaadniifi gochi nama amanamaa
yoomiyyuu walsimannaa qaba. Namni amanamummaa safuu qabu, namoota hundumaa
garaagarummaa saalaa, amantiifi diinagdee tokko malee isaan tajaajila. Namoonni
amanamummaa safuu hinqabne namoota fuulduratti kabaja hinqaban. Amanamummaan
hariiroo namoota gidduu jiru nicimsa.
HIIKA JECHOOTAA
Amanamummaa: jechuun haala kam keessattiyyuu dhugaa dubbachuu danda’uu jechuudha.
Kutannoo: kutannoon dandeettii namni tokko waan sirriidha jedhee amane raawwachuuti.
Namaaf yaaduu: namaaf yaaduun dandeettii rakkoo namoota biroo akka rakkoo ofiitti
ilaaluuti.
Oftuuluu Dhiisuu: oftuuluu dhiisuun amala ani nama biroon oli jedhanii yaaduu dhiisuuti.
Ittigaafatamummaa: jechuun gocha keenyaaf ittigaafatamummaa fudhachuu jechuudha.
Walsimsiisuu: walsimsiisuun amala namoota waliin qabnuufi amala dhuunfaatti qabnu
walfaana deemsisuudha.
Fakkeessaa (Hypocrat): nama gochi isaa amantaa isaa isa dhugaa hincalaqqisiifnedha.
II: Gaaffiilee armaan gadii dubbisuun deebii hundarra sirrii ta’e filadhu.
1. Amala nama amanamummaa safuu dhugaa qabuu kan hintaane isa kami?
A, Ittigaafatamummaa
B. Ejjennoo qabaachuu
C. Amanamummaa dhabuu
2. Kanneen armaan gadii keessaa tokko faayidaa amanamummaa safuuti:
A. Kabaja namoota biroo argachuu
B. Hariiroo namootaa dhabuu
C. Fakkeessitoota ta’uu
3. Dandeettiin rakkoo namoota biroo hubachuu danda’uu maal jedhama?
A. Namaaf yaaduu
B. Amanamummaa
C. Ejjennoo
4. Amala namoota amanamummaa safuu hinqabnee kan ta’e kami?
A. Iccitii namootaa eeguu danda’u
B. Ofitti amanamummaa xiqqaa qabu
C. Ofitti amanamummaa guddaa qabu
BOQONNAA LAMA
SEERA KABAJUU
Bu’aalee Barachuu
Xumura Boqonnaa kanaatti:
) maalummaa seera kabajuu ni ibsita;
) barbaachisummaa seera kabajuu ni addeessita;
) amaloota nama seera kabajuu nicalaqqisiista;
) miidhaa seera kabajuu dhabuun dhufu ni ibsita;
Seensa
Seerri maali? Namoonni maaliif seera kabaju? Boqonnaa kana keessatti waa’ee seeraafi
seera kabajuu, amaloota lammiilee seera kabajaniifi faayidaa seera kabajuu irraaa argamu,
akkasumas miidhaa seera kabajuu dhabuun dhufu gadi fageenyaan nibaratta.
Dhaabbataa: jechuun seerichi kan yeroo dheeraaf tajaajiluu danda’u ta’uu isaa agarsiisa.
Kunis lammiileen seera biyya isaanii gadifageenyaan akka beekaniif isaan gargaara.
Seerri nijijjiirama yommuu jennu immoo yeroo waliin deemuuf jecha wanti
itti dabalamuu yookaan irraa hir’achuu danda’u kan jiraatu ta’uu ibsa. Fakkeenyaaf,
waggaa 100 dura Itoophiyaa keessatti konkolaattonni baay’ee waan hinturreef
seerri to’annaa tiraafikaa xiyyeeffannaan kennamaafii hinturre. Yeroo ammaa
kana garuu lakkoofsi konkolaattotaa dabaluu irraa kan ka’e balaawwan tiraafikaa
mudatan baay’inni isaanii akka dabalu sababa ta’eera. Kanaafuu, balaa tiraafikaa
xiqqeessuuf seera yeroo waliin deemuu danda’u baasuun barbaachisaadha.
Walfakkaattummaa seeraa jechuun seerri biyya tokko keessa jiru lammiilee
hundaaf haala qixa ta’een kan tajaajilu ta’uu qaba. Gama biraatiin seerri haala
walqixa ta’een hojiirra kan hin oolle yoo ta’e, lammiileen adeemsa seeraa irratti
amantaa waan dhabaniif seeraaf akka hinbitamne isaan taasisa.
Seera kabajuun qophiifi kutannoo lammiileen seera biyyaatiif bitamuuf qaban
agarsiisa. Kunis hojiin hundi haala seeraatiin raawwachuuf qophii qabaachuu lammiilee
ibsa. Haala kanaan seerri uummata biratti fudhatama argatee mootummaadhaan hojiirra
oola jechuudha. Seera biyyaa beekuufi kabajuun dirqama lammiilee hundaati. Seerri
lammiileen biyya tokkoo maal gochuu akka qabaniifi hinqabne adda baasuun isaan
barsiisa.
Hawaasni garee tokko keessa jiraatu afaan, amantii yookiin aadaan garaagarummaa
qabaachuu nidanda’a. Garaagarummaan kunis kaayyoon, seenduubee maatii isaanii, ykn
fedhii isaaniitiinis taʼuu nidandaʼa. Yeroo tokko tokko fedhiin keenya fedhii namoota
biroo wajjin wal gituu dhabuu irraa kan ka’e waldhabdeen uumamuu nidanda’a.
Lammiileen seera kabajan garuu waldhabdee kana karaa nagaa ta’een furmaata itti
kennuu nidanda’u. Nageenyi hawaasaa mootummaa qofaan eegamuu hindanda’u.Nageenya
mirkaneessuuf hirmaannaan lammiilee hundaa barbaachisaadha.
Gocha 2.2: Q
ordhimma armaan gadii erga dubbistee booda deebii kee hiriyoota kee
waliin irratti mari’adhu.
# Caalaan hoogganaan isaa ajaja yoo kennuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba ture?
Qordhimma 1
Caalaan abbaa ijoollee afuriiti. Yeroo mara ganamaan ka’ee gara hojii isaa deemuun galgala
sa’a 12:30tti manatti deebi’a. Yeroo hojii isaa booda ijoollee isaa wajjin dabarsuu jaallata.
Innis mana gurgurtaa huccuu keessaa hojjeta. Gaaf-tokko hoogganaan isaa maamiltoota
isaaf nagahee gurgurtaa malee akka gurguru ajaje. Caalaan garuu nagahee malee gurguruun
seeraan akka nama gaafachiisu waan hinbeekneef, seeraan ala gurguraa ture. Kanumarraa
ka’uun guyyaa tokko Caalaan qaama mootummaan qabamee gara mana amala sirreessaa
geeffame.
Kana jechuun namni tokko gochi isaa mirga namoota biroo akka hin sarbine of-eeggachuu
qaba. Mirgi lammiilee hundaa seera duratti walqixadha. Lammiileen seera kabajan mirga
namoota biroo hinsarban.
Lammiin seera kabaju tokko mirga ofii qofa osoo hintaane kan namoota biroos akka kabajamu
gahee isa irraa eegamu bahuu qaba. Gama birootiin seerri lammiilee hundaan fudhatama
argachuu qaba. Kana jechuun seeronni hundi hawaasaan mirkanaa’uu qabu jechuudha.
Garuu, seerri tokko erga mirkanaa’ee booda amala dirqisiisaa ta’e qaba. Seera kabajuun
dhimma akka salphaatti fudhatamu miti. Yeroo hunda dhugaa hojjechuufi seeraaf bitamuu
gaafata.
Haaluma walfakkaatuun lammiin seera kabaju tokko daangaa, mirgaafi itti gaafatamummaa
isaa beekuuf dirqama qaba. Seera wallaaluun adabbii irraa bilisa nama hintaasisu. Namni
osoo hin beekiin seera cabse akkuma nama osoo beekuu seera cabsee yakkamaa ta’a.
Kanaafuu, seera beekuufi ajajamuun dirqama miseensa hawaasa hundaati.
Seerri calaqqee fedhii uummataati. Kanaaf seera kabajuun fedhii uummataa kabajuudha.
Lammiileen seera kabajuu qofa osoo hin taane seerri osoo cabuu yoo argan qaama dhimmi
ilaallatuuf gabaasuuf dirqama qabu. Kanaaf, lammiin seera kabaju tokko seera biyyaa
kabajuufi yeroo fooyya’uun barbaachisaa ta’etti akka fooyya’u yaada gumachuun gahee
isaati.
2.4 Miidhaa Seera Kabajuu Dhabuun Qaqqabsiisu
Gocha 2.6: Gaaffilee armaan gadii qordhimma itti aanee jiru dubbisuun hiriyootaakee
waliin irratti mari’adhu.
1. Abbaan waanuma addunyaaf kenninu deebinee arganna yoo jedhu sirriidhaa? Maalif?
Qordhimma 2
Dur dur daa’ima tokkotu abbaa isaa wajjin imalaa ture. Guyyaa tokko osoo karaa deemaa
jiranii gaara tokko bira yoo ga’an, daa’imni sagalee “akkam jirtu?” jedhu dhagahe. Daa’imni
kun eenyutu jira jedhee gaafate. Ammas sagalee walfakkaatu dhagahe. Mucaan kun sagalee
deddeebi’ee dhagahe kanatti aaree “ati eenyu?” jedhee gaafate. Ammas sagalee wal fakkaataa
deddeebi’ee dhagahe. Yeroo kana hundaa abbaan mucaa isaa callisee dhageeffachaa ture.
Booda garuu, taateen kun 'ikkoo' ta’uu ibseef. Dhuma irratti “ikkoon/ owwaattuun” namni
tokko naannoo bowwaafi tulluun jirutti sagalee yommuu dhageessisu kan namatti deebi’ee
dhaga’amu ta’uu itti hime. Kana booda abbaan ilma isaatiin waanuma addunyaaf kenninu
deebinee arganna jechuun ibseef. Kanaafuu, hawaasa nageenya qabu ta’uu yoo barbaanne,
hawaasa keenyaaf nagaa kennuu qabna jedhe itti hime. Akkasumas, hawaasa seera kabaju
keessa jiraachuu yoo barbaanne, dursa seera kabajuu qabna jechuun ibseef.
Hojiin mootummaa haala gaariin akka rawwatamuuf, seera kabajuun barbaachisaadha. Seera
kabajuu dhabuun miidhaa adda addaa qaba. Kanneen keessaa muraasni:
Qordhimma 3
Boonsaafi Caaltuun obbolaadha. Ijoolleen kun dabareedhaan hoolota maatii isaaniitiif
soorata kennaa turan. Guyyaa tokko Boonsaan Caaltuudhaan har’a dabareen hoolotaaf
soorata kennuu kan keeti jedheen. Caaltuun garuu, ''Dabareen koo kaleessa waan
ta’eef ammas dabareen kan keeti'' jetteen. Haala kanaan walfalmaa osoo jiranii haati
isaanii hojii irraa dhuftee ''amma hirriba xiqqoo argachuun barbaada waan ta’eef, falmii
keessan dhaabaa, kana booda falmii keessan yoon dhagaʼe lamaan keessan iyyuu rakkina
keessa galtu'' jetteen. Ijoolleen lamaan sababa ajaja haadha isaaniitiin callisan. Garuu
gara walhubannaatti hindhufne. Kunis nageenya hamaa (negaative peace) jedhama.
Sa'aatii muraasa booda Caaltuun obboleessa ishee bira deemtee ''dhiifama naaf
godhi kana booda si waliin walloluu hinbarbaadu har’a hoolota keenya nan kunuunsa''
jetteen. Boonsaanis ''anillee si waliin walloluu hin barbaadu waan ta’eef singargaara''
jedheen. Haala kanaan obbolaan lamaan walhubachuun rakkoo isaanii hiikuun nageenya
mirkaneessanii waliin taphachuu jalqabani.
2.4.3 Malaanmaltummaa
Malaanmaltummaan amanamummaa dhabuufi amala yakkamaa nama taasisu ta’ee irra
caalmaa hooggantoota mootummaatiin kan raawwatamuudha. Namoonni malaan
maltummaa raawwatan beekumsa isaanii tajaajila uummataaf osoo hin taane,faayidaa
dhuunfaatiif oolchu. Karaaleen malaammaltummaa itti raawwatan hedhuudha. Isaanis:
a. Taayitaa ofiitti fayyadamuun seeraan ala fira ofii gargaaruu: Kun gocha aangootti
fayyadamuun hiriyoota yookiin miseensota maatii ofiif faayidaa hinmalle kennuudha.
b. Matta’aa kennuu yookiin fudhachuu: qondaaltota mootummaatiif maallaqa kennuudhaan
faayidaa hin malle argachuu jechuudha.
Dandeettiin mootummaan tokko tajaajila hawaasummaa lammiileef kennu galii isaa irratti
hundaa’a. Kanaafuu, gibira dhoksuun gocha jireenya lammiilee hunda irratti dhiibbaa
geessisudha. Lammiileen gibira dhoksuuf yaalanii argaman bifa maallaqaan ni adabamu
yookaan mana amala sirreessaa seenuu danda'u.
Guduunfaa
Hiika Jechootaa:
) Birmadummaa: aangoo guutuu biyyi tokko qabdu jechuudha.
) Lammii seera kabaju: seera biyyattiin buluun kan hojiirra oolchudha.
) Dantaa ofii: dhimma ofiif dursa kennufi namoota biroof dhimmamuu dhabuu
) Qoodinsa qabeenyaa: qabeenya biyyattii bifa walqixaatiin qoooduufi argachuu.
) Malaammaltummaa: aangoo uummataan kenname seeraan ala fayyadamuu
) Daddabarsa daa’immanii: ijoollee seeraan ala hojii humnaatiif
fayyadamuufi iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti geessuu.
II: Gaaffilee armaan gadiif qubee deebii sirrii qabatee filachuun deebisi.
BOQONNAA SADII
AMALA GAARII
Bu’aalee Barachuu
Xumura boqonnaa kanaatti:
) maalummaa amala gaarii ni ibsita;
) ibsitoota nama amala gaarii qabuu ni ibsita;
) barbaachisummaa amala gaarii qabaachuutiif gatii nikennita;
) karaalee amala gaarii itti dagaagfatan ni agarsiista;
) dhabamuun amala gaarii miidhaa inni qaqqabsiisu adda nibaasta.
Seensa
Boqonnaan kun maalummaa amala gaarii, ibsitoota nama amala gaarii qabu irraa
calaqqisiifamu, barbaachisummaa amala gaarii, karaalee amala gaarii ittiguddifataniifi
miidhaa dhabamuu amala gaariin dhufuu danda’u of keessatti hammata. Xumura irrattis,
amala gaarii ijaaruu keessatti gahee maatii, hawaasaafi manni barnootaa qabu gadi
fageenyaan nibaratta.
Amala jechuun akkaataa namni tokko haalaafi gocha isaa namoota waliin ibsatudha.
Amalli gaariin bu’aa ilaalchaafi yaada namaati. Kan isaan ibsamanis akkaataa namni sun
namoota waliin dubbatu, dalaguufi waliin jireenya namoota waliin taasisuuni. Namni amala
gaarii qabu waan ofii isaatii jaallatu namaafis raawwata. Fakkeenyota amala gaarii kan ta’an
kanneen akka:
) ofitti amanuu;
) kabaja qabaachuu;
) eeyyama gaafachuu;
) hiriyoota gaarii filachuu;
) waan namootni qaban dinqisiifachuu;
) aadaa hojii cimaa dinqisiifachuu;
) waan sirrii ta’e deggeruu;
) yoo dogoggoran dhiifama gaafachuu fa’a.
Maddi amala gaarii bu’aa sababoota adda addaati. Isaan keessaa muraasni:
1. Maatii: maatiifi maanguddoon amala daa’immanii ijaaruu keessatti iddoo guddaa qabu.
Sababiin isaas daa’imman namoota kanneen baay’ee waan jaalataniif, waan isaan hojjetan
hundumaa akka sirrii ta’etti fudhatu. Kanaafuu, daa’imman amala namoota isaanitti dhiyoo
ta’ani ilaaluudhaan gocha, amalaafi dubbii isaanii fakkeessuun dalagu. Kanaaf, maatiin of
eeggannoodhaan daa’imman isaaniitti dhiyaachuu qabu.
2. Yeroo: amalli daa’immanii yeroo yeroon fooyya’aa deema. Akkuma armaan dura ibsame
daa’imman amala namoota isaanitti dhihoo ta’an irraa baratu. Adeemsa keessa amalicha
kan mataa isaanii taasifatu. Dhiibbaan kun immoo maatii irraa qofa kan dhufu osoo hin
taane naannoo irraallee dhufuu danda’a.
3. Filannoo: Amaloonni dhala namaa bu’aa filannoo isaaniiti jedhama. Kana jechuun nama
akkamii ta’uu akka danda’an filachuu nidanda’u. Haala kanaan tokkoon tokkoon namaa
gocha gaarii ykn badaa filachuuf mirga dhuunfaa qaba jechuudha.
Fakkeenyaaf, barataan tokko hiriyoota isaa keessaa kan barbaade filatee waliin
qu’achuu yookaan dhiisuu danda’a.
Kabaja jechuun akkaataa ofiikeetii kabajamuu jaallattutti namoota biroos kabajuu jechuudha.
Namootni wal kabajan jechoota filatamoodhaan waliin dubbatu. Yoo hiriyaakee kabajje
akkuma kana kabaja malu argatta.
Fakkii 3.2: Barataan qabeenya bade argee yeroo abbaa duraa badeef deebisu
Seeraaf bitamuu jechuun karaa biraan seera kabajuu agarsiisa. Fakkeenyaaf, barataan tokko
seera manni barnootaa baase kabajuun kabaja mana barnootaa isaatiif qabu agarsiisudha.
Qabeenyi harka keenya jiru qabeenya keenya. Gama birootiin namni gaariin qabeenya
namoota biroos akkuma kan ofiitti kunuunsuun beekama. Haala kanaan qabeenya mana
barumsaa, mootummaafi namoota hundaa kunuunsuun barbaachisaadha. Yeroo qabeenya
nama biroo fayyadamnus akkuma qabeenya keenyaatti ilaaluun akka hin mancaanetti of
eeggannoo taasisuun barbaachisaadha.
3.2.2 Amanamummaa
Amanamummaan amala dhugaa dubbachuufi hojjechuuti. Gama birootiin faallaa kanaa kan
ta’e kan akka hannaa, hiriyaa gowwoomsuufi qabeenyaa jalaa dhoksuun amanamummaa
nama dhabsiisa. Kanaafuu, namootni amanamoon yeroo hunda haqa hojjechuun beekamu.
Amaloota namoota amanamoo ta’an keessaa muraasni:
¾ Waadaa isaanii eeguufi namootni biroos dhugaa akka dubbatan jajjabeessuu;
¾ Dhugaa dubbachuu;
¾ Hannaafi gowwoomsaa jibbuu;
¾ Dogoggora amanuun irraa barachuu;
¾ Wantoota humnaa ol dhaadhessuu dhiisuu
Gocha 3.5: Gaafilee armaan gadii maatii kee gaafachuun deebii kenni.
1. Maatii tokkoof kabajni maaliif barbaachisa?
2. Miidhaan kabaja dhabuu maal akka ta’e ibsuu dandeessaa?
3. Kabajni eessaa eegaluu qaba?
Yaad-rimeen kabajaa karaa adda addaatiin ibsamuu danda’a. Kabajni mataa ofii irraa eegala.
Namni mataa ofii hinkabajne namoota biroof kabaja hinqabaatu. Itti aansee, namni tokko
naannoo isaaf/isheef kabajaa kennuu qaba. Isaan kanneen akka armaan gadiitti haa ilaallu:
i. Of kabajuu
Kabajni ofirraa eegala. Of kabajuu jechuun of kunuunsuufi miira gaarii ofiif qabaachuu
jechuudha. Namni kamiyyuu uumama isaatiin addadha. Kanaafuu, barattootni namoota
biroo fakkeessuurra of ta’uu qabu. Ofii isaaniitti boonuufi adda ta’uu isaanii of beekuu qabu.
Barattootni yeroo hunda wanti beekuu qaban:
¾ Qaama ofiitiif kabaja kennuu: kun wantoota miidhagina keenya ganamaa
miidhanirraa ofeeguufi of kunuunsuu danda’uudha.
¾ Fayyaa ofiitiif kunuunsa gochuu: kana jechuun qaama keenya kunuunsuufi fayyaa
qaama keenyaaf xiyyeeffannaa kennuudha.
¾ Yaada ofiitiif kabaja kennuu: yaadnikee gochoota ati dalagdu mara waan
qajeelchaniif, yaadakeef kabaja kennuu qabda.
ii. Hiriyoota ofiitiif kabaja kennuu: Namni kamiyyuu namoota birootiin kabajamuu,
jaallatamuu, dinqisiifamuu, beekamtiifi fudhatama argachuu barbaada. Akka nama
safuu qabu tokkootti, hiriyoota keenyaaf gara laafessa ta’uufi kabajaa malu kennuu
qabna. Barattootni akkuma dinqisiifannaa hiriyoota isaanii barbaadan, hiriyootni isaaniis
akkasuma akka fedhan hubachuu qabu.
iii. Maatii keenyaaf kabaja kennuu: Maatiif kabaja kennuufi gorsa isaanii dhaggeeffachuun
amala barbaachisaa barataa hunda irraa eegamudha. Maatii kee caalaa namni si jaallatu
akka hinjirre yaaduun barbaachisaadha.
Naannoon bakka nuti keessa jiraannudha. Kanaafuu, naannoo keenya kunuunsuun baay’ee
barbaachisaadha. Kunis nyaata, qilleensa qulqulluu, bishaan qulqulluufi kan kana fakkaatan
naannoo keessa jiraannu irraa arganna. Kanaafuu, biqiloota dhaabuun barbaachisaa
dha.
Fakkeenyaaf yeroo mukkeen guddatan qilleensa qulqulluu argachuu firii nyaata gaarii
nyaachuufi gaaddisa ta’uun aduu nurraa ittisu. Kanaafuu, naannoo kunuunsuun nageenya
ofii eeguu jechuudha.
Naannoo keenya kunuunsuun nannoo qulqulluufi fayya-qabeessa ta’e qabaachuun jireenya
nagaa jiraachuuf baay’ee nu gargaara. Bishaan, biqiltootaafi qilleensa malee jireenyi
ilma namaa rakkoo keessa gala jechuudha. Kanaafuu, qabeenya nam-tolcheefi uumamaa
kunuunsuun baay’ee barbaachisaadha. Haala kanaan naannoodhaaf kunuunsa gochuun
dirqama safuu namni amala gaarii qabu kamiyyuu raawwachuu qabudha.
3.3 Barbaachisummaa Amala Gaarii Qabaachuu
Gocha 3.6: G
aaffilee armaan gadii irratti gareen mari’achuun dareef
gabaasi.
1. Barbaachisummaan amala gaarii qabaachuu maali?
2. Akka of kunuunsitutti namoota biroo kunuunsuun gaariidha jettee yaaddaa?
Maaliif?
Akkuma walitti dhiyaachaa deemaniin wal jaalachaa deemu. Amalli gaariin hawaasa
keessatti kabaja,amanamummaafi hiriyummaa dagaagsa. Amala gaarii qabaachuu jechuun
akkuma namoota argiteen galateeffachuu, maqaa isaanii yaadachuufi waa’ee ofiikees
haala gaariin ibsuufii jechuudha. Dabalataanis, amala gaarii qabaachuun sadarkaa
maatii, hiriyootaa, mana barnootaafi kan kana fakkaatan biratti faayidaa guddaa qaba.
Namni amala gaarii qaba jedhamu tokko gocha jeequmsaa irraa fagaachuudhaan amala gaarii
guddisuufi kunuunsuutu irraa eegama. Karaaleen amalli gaariin ittiin dagaaguufi ibsamuu
danda’u hedduudha. Kanneen keessaa muraasni:
¾ qajeelfamoota safuuf of kennuufi dhimmamuu;
¾ amanamummaa dagaagsuufi waadaa kabajuu;
¾ dirqama bahuufi ittigaafatamummaa fudhachuu;
¾ hawwii dhuunfaafi miira faayidaa hin qabne irraa of to’achuu.
Dabalataanis, karaalee amalli gaariin ittiin dagaagfamu akka armaan gadiitti haa ilaallu.
3.4.1 Of to’achuu
Akkasumas namoonni of to’atan carraan amala badaa qabaachuun mana barnootaa addaan
kutuu isaani nixiqqaata.
Qor-dhimma 1
Dachaasaan barataa kutaa 6ffaafi mucaa waggaa 13ti. Mucaan kun mana barnootaa
keessatti amala badaaf jeequmsaan beekama. Fakkeenyaaf, hiriyootni isaa hoj-manee
akka isaaf hojjetaniif dirqisiisa.Yoo hojjechuufii didan isaan sodaachisa, nireebas.
Barattoonni laaqana isaanii akka qoodaniif nidirqisiisa. Adeemsa keessa amalli Dachaasaa
kun jireenya isaa balaa guddaa keessa galche. Barataan kun hiriyoota, barsiisotaafi maatii
isaa irraa amanamummaa argachuu hindandeenye. Akkasumas hiriyootni isaa hundi
hiriyoota biroo filachuu akka danda’an hubate. Xumura irratti, amala isaa jijjiiruun
nama gaariifi amala qabu ta’uuf murteesse.
1. Dachaasaan amala badaa mana barnootaa keessatti agarsiisu irraa akka of qusatuufi
murtoo gaarii murteesse akka itti fufuuf maal isa barbaachisa?
2. Amala badaa kana irraa akka deebi’uuf maal gorsuu dandeessa?
Seera beekuufi ittiin buluun jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti baay’ee
barbaachisaadha. Bu’aa seera kabajuu keessaa muraasni kanneen armaan gadiitti:
¾ Seerri nageenya keenya eegsisa;
¾ Seerri uummata miidhaa adda addaa irraa baraara;
¾ Seerri fedhii uummataa calaqqisiisa;
¾ Seera cabsuun wal amantaa uummataafi mootummaa gidduu jiru hir'isa;
¾ Seera kabajuuun mirgoota nama dhuunfaa kanneen akka mirga qabeenya horachuu,
mirga jiraachuufi bilisummaa nama dhuunfaa mirkaneessuuf gargaara.
Gocha 3.11: Gaaffilee armaan gadii fakkii armaan olii irratti hundaa’uun
deebisi.
1.Gochaaleen fakkiiwwan armaan olii keessatti mul’atan kabaja agarsiisa
jettee yaaddaa? Maaliif?
Lammiileen Itoophiyaa hundi duudhaalee safuufi aadaa waliin jireenyaa yeroo dheeraa
keessatti dagaagfatan kan waloo ta’e niqabu. Duudhaalee safuu hawaasni Itoophiyaa waliin
qaban keessaa muraasni kan armaan gadiiti.
¾ Ollaa ofii nagaa ho’aa gaafachuu;
¾ Hangafootaaf kabajaafi dursa kennuu;
¾ Ajaja maatii kabajuufi hojiirra oolchuu;
¾ Nama kamiyyuu wal qixxummaan tajaajiluu;
¾ Dhugaa dubbachuu;
¾ Keessummaa simachuu;
¾ Waan nuuf ta’eef galateeffachuu;
¾ Uffannaa safuu eege uffachuu;
¾ Kennaa harka lamaaniin kennuufi fudhachuu.
Barattoonni hundinuu seeraafi dambii mana barnootichaa hordofuufi haala seeraafi dambii
ittiin bulmaata mana barnootichaatiin adeemuu isaanii mirkaneeffachuu qabu.
Fakkeenya, seeraafi dambii ittiin bulmaata mana barnootaa keessaa muraasni :
barataan hundi mooraa mana barnootasaa keessatti yeroo barumsaa kabajuun
argamuu qabu;
barattootni eeyyama dura taa’aa /hayyu daree/ barsiisaa/ malee dursanii mana
barnootaatii bahuun dhorkaadha;
Guduunfaa
Boqonnaan kun bu’uurri amala gaarii barattootaa eessaa akka madduu danda’u,
amanamummaa, dhuga-qabeessummaa, ittigaafatamummaa, of-to’achuu, namootaaf kabajaa
kennuufi kan kana fakkatu of keessatti kan hammatedha.
Akkasumas amala gaarii qabaachuun jireenya keenya irratti gatii inni qabu, ibsitoota amala
gaarii kan jedhaman keessaa kanneen akka ofitti amanuu, kabaja ofii kennuu, gammachuu,
nageenya keessoo qabaachuufi ofitti quufuu kan jedhaman bal’inaan ibsamaniiru.
Dabalataanis, barbaachisummaa jaalala biyyaa, wal kabajuufi waliigaltee gaarii qabaachuu
of keessatti hammachuun kan dhiyaatedha.
Tooftaa amala gaarii dagaagsuuf gargaaran keessaa of to’achuu, seeraafi dambii ittiin
bulmaata mana barnootaa kabajuu, safuufi aadaa hawaasaa kabajuun maaliif akka barbaachisu
ibsameera. Kana malees, boqonnaa kana keessatti miidhaa amala gaarii dhabuun dhufuu
danda’u ka’ameera jira.
Amaloota badaa kan jedhaman keessaa namoota biroo kabajuu dhabuu, qabeenya dhuunfaafi
mana barnootaa mancaasuutti kan nama geessan ta’uu ibsuun amalootni akka kanaa
barattootni yeroo akka hin kabajneefi mana barnootaa irraa akka hafan taasisa. Kana malees,
baratootni gochoota akka hannaafi amaloota badaa adda addaa keessatti akka hirmaataniif
sababa ta’uun gochaalee jeequmsaa akka gaggeessaniif qalbii baratootaa kan kakaasu ta’uun
ibsameera.
Hiika Jechootaa
5. Kanneen armaan gadii keessaa seeraafi dambii mana barnootaa kan hin taane isa kami?
A. Yeroon mana barumsaa dhaqqabuufi haftee hambisuu
B. Uffata dambii uffachuu
C. Faaruu Alaabaafi Alaabaaf gatii kennuu
D. Hunduu sirriidha.
1 Daree barnootaa
Mana dubbisa
2
kitaabaa
Mooraa mana
3
barnootaa
4 Maatii
5 Ollaa
6 Hawaasa
BOQONNAA AFUR
HIRMAANNAA SOCHIILEE
HAWAAS-DINAGDEE
Bu’aalee Barachuu
Xumura boqonnaa kanaatti:
) Maalummaa sochiilee hawaas-dinagdee ni ibsita;
) Barbaachisummaa hirmaannaa hojiilee tola ooltummaaf iddoo nikennita;
) Yeroon boqonnaa faayidaa walootiif haala itti fayyadamuu danda’amu ni agarsiista;
) Gahee gibira amanamummaan kaffaluufi aadaan qusannaa sochiilee hawaas-dinagdee
keessatti qaban nitarreessita;
Seensa
Boqonnaan kun dhimmoota sochiilee hawaas-dinagdee uummataa wajjin walqabatan irratti
xiyyeeffata. Kunis gochaalee hawaasummaafi dinagdee hirmaannaa hawaasni haala jireenya
fooyya’aa jiraachuuf geggeessan kan hammatudha. Gochaalee ijoo kanneen akka hojii tola
ooltummaa, hirmaannaa hawaasaa, yeroo boqonnaa faayidaa walootiif oolchuu fa’a of
keessaa qaba. Dabalataan, sochii dinagdee kanneen akka daldalaa, kaffaltii gibiraa, qusannaa,
investimentii, baankiifi kanneen kana fakkaatu boqonnaa kana keessatti ibsamaniru.
4.1 Yaad-rimee Sochii Hawaas-Dinagdee
Gocha 4.2
1. Fakkiilee armaan olii irraa maal akka hubatte hiriyootakee waliin mari’adhu.
Fakkeenyota sochiilee hawaasummaa kan ta’an:
) hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuu;
) garee qayyabannaa;
) godaambaa daawwachuu;
) biqiltuu dhaabuu;
) guyyaa ayyaana adda addaa kabajuu;
) gumii mana barnootaa keessatti hirmaachuu;
) sirna affeerraa bunaa;
) aadaa hawaasaa kabajuu;
) gareedhaan shubbisuu fa’a.
Sochiilee dinagdee kan jedhaman kanneen akka sochiiwwan maallaqa, oomishaafi tajaajila
waljijjiiruu of keessatti hammata. Kunis kan akka galii argachuu, tajaajila kennuu yookaan
fudhachuu, qabeenya horachuu waliin walqabata.
Kaayyoo ijoon sochii dinagdee tajaajilootaafi oomisha fayyadamtootaaf akka dhiyaatan
gochuudha. Haala kanaan, hojiiwwan akka galii maddisiisuu, itti fayyadamuu, qusannaa,
investimentiifi qabeenya horachuuf taasifamu hundi sochiilee dinagdeeti. Kanaafuu
sochiileen galii argachuuf taasifnu hundi sochiilee dinagdeeti jechuudha.
Gocha 4.6: G
aaffilee armaan gadii fakkii armaan olii irratti hundaa’uun
deebisi.
1. Fakkii armaan olii irraa maal hubatte?
2. Gosoota tajaajila hawaasaa jedhaman keessaa afur tarreessi.
Tola ooltummaa jechuun yeroofi humna ofii fedhiidhaan gocha hawaasa fayyaduuf oolchuu
jechuudha. Kunis maallaqaa yookaan badhaasa argachuuf osoo hin taane bu’aa hawaasaaf
jecha bilisaan kan raawwatamudha. Namni kamiyyuu fedhasaan hojiilee tola ooltummaa
hojjechuu nidanda’a. Namoonni yeroofi qabeenya isaaniin hojii tola ooltummaa raawwachuun
hawaasa nitajaajilu. Kanas kan raawwatan miseensota hawaasaa harka qalleeyyii ta’an
gargaaruun, naannoo kunuunsuun, hawaasa waa’ee mirgaafi heera mootummaa barsiisuuniifi
kan kana fakkaataniin ta’uu danda’a.
Tajaajila tola ooltummaa hawaasaa jechuun tajaajila fedhiifi kaka’umsa dhuunfaa irratti
hundaa’uun hawaasaaf kennamu jechuudha. Hojii tajaajila hawaasaa jechuun immoo hojii
hawaasni jireenya isaanii fooyyessuuf hojjetan jechuudha. Sochiin kun kan raawwatu bu’aa
fedhii dhuunfaa, kan dhaabbataa yookiin kan mootummaa galmaan ga’uuf osoo hintaane,
hawaasaaf kan raawwatamuudha.
Hojileen akkanaa miseensota hawaasaatiif faayidaa hedduu qabu. Fakkeenyaaf, hojiin
tola ooltummaa yookaan tajaajilli hawaasaa jireenya hawaasummaafi dinagdee hawaasaa
niguddisa.
Fakkeenya hojiilee tola ooltummaa hawaasaan rawwataman keessaa muraasni isaanii:
) harka qalleeyyii gargaaruu;
) namoota beela’an nyaachisuu;
) gorsa seeraa bilisaan kennuu;
) yeroo boqonnaatti ijoollee barsiisuu;
) biqiltuu dhaabuufi bineensota baduuf jiran hawaasni akka kunuunsuuf hubannoo
kennuu;
) namoota rakkina afaanii qabaniif tajaajila hiikkaa afaanii kennuu;
Yeroo boqonnaa jechuun yeroo hojii idileefi dirqama hojii biroo irraa bilisa ta’e jechuudha.
Yeroon boqonnaa yeroo hojiilee daldalaa, barnootaafi hojiilee biroo irraa bilisa ta'edha.
Yeroon kun yeroo hojii idileen alatti dirqama hawaasummaa itti raawwannudha.
Yeroo boqonnaa isaaniitti namoonni yeroo baay’ee sochiiwwan akka bashannanaa, fira
gaafachuu, kitaabilee dubbisuu, namoota gargaaruufi kan kana fakkaatu hojjechuun
dabarsu.
Faayidaa waloo jechuun waan hawaasa hunda fayyadu jechuudha. Kana malees, qabeenya
hawaasni hundi waliin fayyadamu jechuudha. Fakkeenya faayidaalee waloo kan ta’an
keessaa muraasni akka armaan gaditti dhiyaataniiru.
) Bu’uuraalee misoomaa uummataa;
) Geejjiba uummataa;
) Manneen barnootaafi Mana dubbisa kitaabaa uummataa;
) Dhaabbilee barnootaa ol’aanoo;
) Naannoo qulqulluu;
) Godaambaafi dhaabbilee aadaa fa’a.
Gaaffilee Sissi’eessituu
Uummataaf ibsaa, daandii, mana barnootaa, hospitaalaafi kan kana fakkaatan eenyutu
dhiyeessa jettanii yaaddu?
Lammiileen tajaajilli adda addaa kanneen akka tajaajila barnootaa, eegumsa fayyaa,
bishaan qulqulluu, daandiifi kan kana fakkaatu mootummaan akka kennuuf barbaadu.
Haata’u malee, mootummaan immoo tajaajila kana kennuuf maallaqa isa barbaachisa.
Mootummaan maallaqa kana bifa gibiraan namootaafi dhaabbilee dhuunfaa irraa walitti
qabuun tajaajila lammiilee hundaaf kenna. Kanaafuu, gibirri madda galii mootummaa isa
ol’aanaadha. Kana waan ta’eef, miseensi hawaasaa hundi gibira kaffaluun faayidaa hedduu
qaba jechuudha.
Gibirri kaffaltii namootni dhuunfaa yookaan dhaabbileen galii argatan irraa mootummaaf
kaffalaniidha. Namni kamiyyuu madda galii isaa irraa gibira kaffaluuf itti gaafatamummaa
qaba. Mootummaan immoo galii lammiileefi dhaabbilee irraa gibira walitti qabuuf mirga
qaba.
Barbaachisummaan gibira kaffaluu mootummaa maallaqaan gargaaruudha. Gibira malee
mootummaan bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaafi sabquunnamtii dhiyeessuu
hindanda’u. Kana malees, gibirri mootummaa tajaajila kan akka fayyaa, barnootaa, humna
waraanaafi kan kana fakkaatu kennuudhaaf baay’ee barbaachisaadha. Haalli kaffaltii gibiraa
qabxiilee armaan gadii irratti hundaa’uu danda’a:
madda galii;
bu’aa galii daldala irraa argamu;
qabeenya dhuunfaa
gibira itti fayyadama lafaa fa’a.
Qusannaa jechuun waan itti fayyadamnu hunda qisaasessuurra muraasa isaa ol kaawwachuu
jechuudha. Haata’u malee, qusannoo jechuun baasii jireenyaaf nubarbaachisu dhabuu jechuu
miti. Qusannaan ida’ama maallaqaa, yeroofi gosa qabeenyaa adda addaa baasii irraa hafe
jechuudha. Faayidaa qusannoo keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
) yeroo boqonnaa ofii itti bashannanuuf;
) dhiphina baasiiwwan battalaa jalaa baraaramuuf;
) kaffaltii barnootaa kaffaluuf;
) meeshaalee barnootaa barattootaaf guutuuf;
) barattootni yaaddoo qabeenya dhabuu irraa bilisa akka ta’aniif;
) liqaa xiqqeessudhaaf;
) tasgabbii miiraafi nageenya sammuu argachuu fa’a.
ii. Dhaabbilee qusannoo aadaa kan jedhaman immoo Iqqubii dabalatee, dhaabbata
qusannaa aadaa waliigalaa Itoophiyaa keessatti argamaniidha. Dhaabbilee qusannaa
aadaa keessatti namootni fedhii isaaniitiin garee tokkotti makamuun seera dhaabbatichaa
irratti hundaa’uun buusii dirqamaa buusu.
Gibiraa manamummaan kaffaluufi qusannoon sochiilee hawaas-dinagdee biyyaatiif
gumaacha guddaa qaba. Gibirri yoo akkaataa sagantaa waajjira galiin karoorfame irratti
hundaa’uun hin kaffalamiin hafe, misooma biyyaatiif gufuudha. Kana malees,
qusannaan namoonni kaayyoo jireenya isaanii galmaan akka ga’ataniif isaan gargaara.
Guduunfaa
Boqonnaan kun yaadota sochiilee hawaas-dinagdee of keessatti hammachuun kan
dhiyeesseedha. Walqunnamtiifi waliin jireenya hawaasummaa gaarii galmaan ga’uuf
sochiilee hawaasummaa jajjabeessuun barbaachisaadha. Jireenya hawaasummaa cimsachuuf,
barattootni hojiilee hirmaannaa hawaasummaa isaanii cimsan kanneen akka tola ooltummaa
irratti qooda fudhachuun irraa eegama. Yeroo barnootaan alatti yeroo boqonnaa hojiilee
tola ooltummaa irratti hirmaachuun barbaachisaadha. Kana malees, hojiiwwan dinagdee
kanneen akka daldalaa, qusannaa, gibira kaffaluufi kanneen biroo boqonnaa kana keessatti
xiyyeeffannoon itti kennamee jira.
Sochiin hawaas-dinagdee galii, baasiifi amala qusannaa namootaa irratti kan xiyyeeffatuudha.
Galiin keenya sadarkaa hawaasummaa, akkaataa jireenya keenyaafi faayidaa waloo
hawaasaaf murteessaadha. Hojiin tola ooltummaa of fayyaduufi bu’aa ofii qofa irratti kan
hundaa’e osoo hin taane, fedhiifi bu’aa namoota biroo irrattis kan xiyyeeffatuudha. Yeroo
boqonnaa keenyaa faayidaa waloof oolchuunis baay’ee barbaachisaadha. Yeroon boqonnaa
yeroo hojiilee idilee keenyaan ala ta’eefi yeroo itti bashannannudha. Hawaasa keessatti sochii
dinagdee cimaafi gaarii uumuuf, maallaqa qusachuufi galii keenya irraa gibira kaffaluun
barbaachisaadha.
Qusachuu jechuun waan qaban mara baasii gochuu caalaa ol kawwachuu jechuudha. Haata’u
malee, qusannoo jechuun baasii jireenyaaf nubarbaachisu dhabuu jechuu miti. Qusannaan
ida’ama maallaqaa, yeroofi gosa qabeenyaa adda addaa baasii irraa hafe jechuudha. Galii
keenya irratti hundaa’uun mootummaaf gibira kaffaluun sochiilee dinagdee hawaasa hundaaf
gumaacha mataa isaa qaba.
Hiika Jechootaa
Sochiilee hawaas-dinagdee: hojiiwwan walitti ida’ama dhimmoota hawaasummaafi
dinagdee wajjin walqabatanidha.
Qusannaa: jechuun waan itti fayyadamnu irraa hambisnee muraasa isaa ol kawwachuu
jechuudha.
II. Gaaffilee armaan gadiif qubee deebii sirrii qabu filachuun deebisi
1. Kanneen armaan gadii keessaa sochii hawaasummaa kan ta’e isa kami?
A. Gosa hojii kamiyyuu kan galii argamsiisu.
B. Gosa hojii kamiyyuu kan qabeenya kuufachuu dandeessisu
C. Sochii kamiyyuu kan fedhii ofii guddisuuf taasifamu
D. Gocha tola ooltummaa keessatti hirmaachuu
2. Sochiin dinagdee kan murtaa’u:
A.Sadarkaa galiin
B.Haala dinagdeen
C.Ilaacha keenyaan
D.Hunduu deebiidha
3. Kanneen armaan gadii keessaa sochii hirmaannaa hawaasummaa kan hin taane kami?
A. Hatuufi gowwoomsuu
B. Biqiltuu dhaabuu
C. Bineensota balaa jala jiran baraaruu
D. Naannoo kunuunsuu irratti hubannoo uumuu.
4. Kanneen armaan gadii keessaa sirna sassaabbii gibiraaf bu’uura kan ta’e kami?
A.Galii maallaqaa namoota dhuunfaa
B.Bu’aa namoonni daldala isaanii irraa argatan
C.Qabeenyaafi gibira ittifayyadama lafaa
D.Hunduu deebii nita’a.
BOQONNAA SHAN
JAALALA BIYYAA
Bu’aalee barachuu:
Xumura barnoota boqonnaa kanaatti:
maalummaa jaalala biyyaa ni ibsita;
barbaachisummaa ibsitoota jaalala biyyaa ni addeessita;
barbaachisummaa biyya ofiin boonuun qabu ni ibsita;
ilaalcha gaarii biyyakeef qabdu nicalaqqisiifta;
Seensa
Boqonnaan kun maalummaa jaalala biyyaa, ibsitoota jaalala biyyaa, barbaachisummaa
jaalala biyyaa qabaachuu irratti kan xiyyeeffatuudha. Dabalataanis, amaloota namni jaalala
biyyaa qabu agarsiisuu qabu giddugaleeffachuun kan barsiisuudha. Barattootni maalummaafi
faayidaa jaalala biyyaa hubachuun bu’uuraan akkamitti miira jaalala biyyaa horachuu akka
danda’an barattoota barsiisuuf kan qindaa’edha.
Jaalala biyyaa jechuun biyya ofii jaallachuufi amanamuufii jechuudha. Kunis miira
jaalalaafi amanamummaa namni tokko biyya isaaf qabu agarsiisa. Kana jechuun waan biyya
isaanii bakka bu’u hundatti ittiin boonuufi kabajuun kan ibsamudha. Isaan keessaa muraasni:
alaabaa, faaruu alaabaa, seenaa goototaafi kan kana fakkaatan fa’a kabajuun ibsama.
Jaalalli biyyaa:
¾ biyya ofii jaallachuufi wareegamuun;
¾ jireenya hawaasaa jijjiiruun;
¾ akkaataa dubbiin, gochaafi miiraan;
¾ aadaa, seenaafi daangaa biyya ofiitiin boonuun;
¾ milkaa’ina biyya ofiitiin boonuun;
¾ lammii ofii jaallachuun ibsama.
Jaalalli biyyaa diina ofii biyyarraa deebisuu qofatti kan daanga’e osoo hin taane karaalee
adda addaan ibsamuu nidanda’a. Karaaleen kunneenis; hiyyummaa hir’isuuf ciminaan
qabsaa’uun, biqiltuu dhaabuun, hawaasaaf haala gaarii uumuun, heeraafi seera biyyattii
kabajuun, mirga lammilee kabajuufi gibira yeroofi amanamummaan kaffaluun fakkeenya
jaalalli biyyaa ittin ibsamu keessaa isaan muraasadha.
Gocha 5.2: Seenessa armaan gadii irratti hundaa’uun gaaffilee itti aananii
jiran hiriyootakee waliin mari’adhu.
Shaambal Abbabaan fiigicha olompikii Tookiyoo geggeeffame irratti warqee isaa lammaffaas
injifateera. Kun baay’ee nama dinqisiisa ture; sababni isaas Abbabaan torban lama dura
miilla isaa baqaqfachuun kan fiige ture. Abbabaan yeroo sadaffaatiifis olompikii injifachuuf
yaalii tasisee ture. Garuu, dhukkubichi waan itti hammaateef figicha jalqabe sana addaan
kute. Hiriyaa Abbabaa kan ta’e Maammoo Waldeen, dhukkubsachuu isaa arguun
gargaruuf yeroo yaalaa turetti Abbabaan, Maammoo Waldeedhaan maaraatoonii injifatee
lammiilee Itoophiyaa akka boonsu itti himee ture.Bu’aawwan seena qabeessa
Shaambal Abbabaa Biqilaa hojjete kun har’a lammiilee Itoophiyaatiif madda seenaa
boonsaadha.
Gaaffilee sissi’eessituu
Qordhimma armaan gadii kana dubbisuun; gaaffilee itti aananii jiran hiriyoota waliin
ta’uun deebisi.
Qordhimma 1
Obbo Kumsaan daldalaa milkaa'aafi yeroo hunda waa'ee guddiina biyya isaa nama
dubbatuudha. Namoonni bakka inni jirutti waa'ee biyya isaa waan hamaa yoo dubbatan
namoota waliin falmii keessa seena. Galii daldala isaa irraa argamus dhuma ji'aan yeroo mara
nigabaasa. Haata’u malee, gibira xiqqaa kaffaluu waan barbaaduuf, gabaasa isaa keessatti
yeroo baay’ee bu'aa daldala irraa argatu nihir'isa. Gochi amantaa hir’isuu isaa kun immoo
biyyi isaa galii gibirarraa argattu irratti dhiibbaa geessisa. Namootni gibira sirnaan
yoo hinkaffalle biyyattiin lammiilee isheetiif tajaajila barbaachisaa ta’e kennuu
hindandeessu.
Gochaafi jecha obbo Kumsaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira.
1. Garaagarummaa jechaafi gocha obbo Kumsaa gidduu jiru ibsi?
Namni biyya isaa jaallatu aadaafi seenaa biyya isaatiin niboona. Garuu, waa’ee jaalala biyyaa
dubbachuun qofti gahaa waan hin taaneef gochaanis mul’isuu qabna. Namni jaalala biyya
isaa qabu:
waan biyyi isaa irraa barbaaddu raawwachuuf qopha’adha;
hawaasa isaa bu’uura irraa kan jaallatuudha;
fedhii dhunfaa isaarra hawaasaaf dursa kan kennudha;
ijoolleen isaa biyya isaanii akka beekaniifi jaallatan taasisee kan guddisudha;
hawaasa isaaf kunuunsa kan taasisuudha;
nageenyaafi qulqullina naannoo isaa hanga dandaa’ametti kan eeguudha;
ijoollee ollaatti kunuunsaafi jaalala kan agarsiisudha;
yeroo boqonnaa isaaniitti gocha tola ooltummaa adda addaa irratti kan hirmaatuudha;
namootni hundumtuu miira biyyummaa akka qabaataniif kan hojjetuudha;
biyyaafi bulchiinsa adda baasuun kan hubatudha;
jaalalli biyya isaaf qabu kan hin jijjiiramnedha;
Lammiileen jaalala biyya isaaniif qaban karaa adda addaatiin agarsiisuu nidanda’u.Yeroo
tokko tokko jaalalli biyya isaaniif qaban gocha bulchiinsa mootummaa sirrii hin taane
mormuu keessatti mul’achuu danda’a. Namni tokko bulchiinsa mootummaa waan mormeef
qofa akka nama jaalala biyyaa hin qabneetti ilaalamuun sirrii miti. Seenaa armaan gadii akka
fakkeenyaatti fudhachuun nidandaa’ama.
Qordhimma 2
Maartiin Luuter Kiing Juuniyeerii (1929-1968)
Maartiin Luuter Kiing Juuniyeeriin nama mirga namoomaaf falmu yoo ta’u, biyya
Ameerikaa keessa jiraachaa kan tureedha. Yeroo lubbuun turetti seera Ameerikaa (USA)
keessatti namoota gurraacha irratti loogiin yeroo raawwatu arge. Seerri biyyattii
uummata gurraachaa mirga isaanii hedduu kan sarbe ture. Mirgoota kana keessaa
muraasni: mirga filuufi filatamuu,bakka hojiitti walqixa ilaalamuufi tajaajila akka
geejjibaa walqixa argachuu dhabuufi kan kana fakkaatanidha.
Maartiin Luuter Kiing Juuniyeeriin (MLK Jr.) seerota kana mormuun uummata gurraacha
gurmeessuun akka morman taasisaa tureera. Hordoftootni isaa mala qabsoo karaa nagaa
fayyadamuun mormaa turan. Innis seera cunqursaa kana akka hin tumsineef barsiisaa
ture. Qabsoon kun dhumarratti bu’aa gaarii fidee mootummaa dirqisiisuun Seera Mirga
Siivilii bara 1964fi Seera Mirga Filuufi filatamuu bara 1965 akka bahu taasifamee jira.
Seerri mirga siivilii namni tokko sanyii, bifaafi amantaa irratti hundaa’uun loogii
taasifamu hambiseera. Seerri mirga filuufi filatamuu kun mirga gurraachonni sagalee
isaanii kennuu yookaan filuufi filatamuu akka danda’an kan taasiseedha.
Atileetiin Itoophiyaa meedaaliyaa warqee olompikii yommuu injifatu maaltu sitti dhagahama?
Jaalalli biyyaa miira miseensonni biyyattii hundi waliin qooddatanidha. Jaalalli biyyaa kunis
yeroo gaariis ta’ee yeroo yaraas agarsiifamuu nidanda’a. Yeroo biyyi milkooftu gammaduufi
yeroo isheen milkaa’ina dhabdutti gadduun miira waliin qooddannudha. Biyya ofii jaallachuun
seenaafi aadaa biyya ofiitti boonuudha. Biyyi keenya Itoophiyaan, gonkumaa kan hin
koloneeffamneefi seenaa boonsaa kan qabdudha. Itoophiyaan biyya namoonni aadaafi afaan
adda addaa qabaatanii waldanda’uun waliin keessa jiraataniifi bakka madda dhala namaati.
Jaalalli biyyaa bu’aa hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni:
Guduunfaa
Jaalala biyyaa jechuun biyya ofii jaallachuufi amanamuufidha. Kunis biyya ofiif jecha aarsaa
kaffaluudha. Jaalalli biyya karaa hedduudhaan ibsama. Isaanis akkaataa namootni waa’ee
biyya isaanii dubbatan, yaadaniifi ilaalan ta’uu danda’a. Karaa biroo immoo namootni biyya
isaanii jaallatan jaalala biyya isaanii ; ogummaa qabaniin cimanii hojjechuun; daangaa
biyya isaanii kabachiisuun, sadarkaa idil-addunyaatti fedhii biyyaa eegsisuun ibsamuu
nidanda’a.
Namootni jaalala biyya isaanii qaban amaloota walfakkaataa ta’e hedduu waliin qooddatu.
Isaanis; biyya isaaniin boonuu, miira ofitti amanamummaa cimaa biyya ofii irratti qabaachuu,
biyya isaaniif aarsaa ta’uuf fedhii qabaachuu, malaanmaltummaa ittisuuf qopha’aa ta’uu,
namoota biyya isaaniif wareegaman kabajuu, aadaafi seenaa biyya isaaniif jaalala cimaa
qabaachuu, rakkoo waloo biyya isaaniif walfaana dhaabbachuu, yeroo hunda nagaafi
milkaa’ina biyya isaaniif hawwuudhaan amaloota walfakkaatu waliin qabu.
Hiika Jechootaa
) Goota: nama gocha gaarii dalageen jajamu; biyya isaaf of wareegu; aadaa hojii
cimaa qabaachuun dinqisiifatamudha.
) Ofitti boonuu: nama of kabajuufi namoota birootiin kabajamudha.
) Wareegama: gocha waan caalaa barbaachisaa ta’e tokko argachuuf jecha waan
barbaachisaa ta’e dhiisuudha.
) Fedhii: waan namni tokko waa’ee isaa baruuf yookaan hojjechuuf itti gammadudha.
) Biyya dhalootaa: biyya namni tokko itti dhalatedha.
II: Gaaffilee armaan gadiif qubee deebii sirrii qabu filachuun deebisi.
1. Kan armaan gadii keessaa karaalee jaalalli biyyaa ittiin hin ibsamne isa kami?
A. Biyya ofii jaalachuu
B. Aadaafi seenaa biyya ofiitiin boonuu
C. Gootota biyyaaf kabaja dhabuu.
2. Kanneen armaan gadii keessaa amala lammii jaalala biyyaa hin qabnee kan ta’e kami?
A. Biyya isaaniif aarsaa ta’uuf fedhii qabaachuu
B. Malaanmaltummaa irratti qabsaa’uu
C. Lammiilee hiriyoota isaaniif jaalala hin qabne
3. Biyya ofii jaalachuuf waa’ee jaalala biyyaa qofa dubbachuun, hojiidhaan agarsiisuun
garuu hinbarbachiisu.
A. Dhugaa
B. Soba
4. Amala Lammiilee jaalala biyyaa qabanii kan hin taane kami?
A. Aadaa ofiitiin boonuu
B. Garaagarummaa yaadaa keessummeessuu
C. Malaanmaltummaa raawwachuu
BOQONNAA JAHA
NAGEENYAAFI WALTA’IINSA
Bu’aalee barachuu
Seensa
Boqonnaan kun barbaachisummaa nageenyaafi walta’iinsaa akka hubatan, gahee lammiileen
hundinuu nageenya mirkaneessuu keessatti qaban barsiisuuf kan qophaa’edha. Yaadrimee,
barbaachisummaafi mul’istoota nageenyaa hubachiisuu, maalummaa, barbaachisummaafi
duudhaalee walta’iinsaa, akkasumas hariiroo nageenyaafi walta’iinsa gidduu jiru irratti kan
xiyyeeffatudha.
6.1 Nageenya
Nageenyi sadarkaa addunyaatti kan uumamu yommuu biyyootni addunyaa wal waraansa
irraa of qusatanidha. Biyyi kamiyyuu fedhiifi galma mataa ishee qabdi. Biyyootni kunniin
waliin yoo hojjetan, walii isaanii gidduutti nageenyi nijiraata. Nageenyi garuu tattaaffii
miseensota hawaasaa hundaan mirkanaa’uu danda’a. Hawaasa keessatti nageenya
mirkaneessuuf wanti dursi kennamuufii qabu, kabajaafi ulfina dhala namaati.
; Kabaja: kabajni dandeettiifi fedhii jechiifi gochi keenya dhiibbaa namoota biroo irratti
fidan irraa of eggachuu danda’uuti. Namni kabaja beeku miira namoota biroof of
eeggannoo taasisa. Namootni nama kabajan amala armaan gadii qabu:
garalaafummaa qabu;
dabaree eeguun raawwatu, dubbatu;
nama galateeffatu;
qabeenya namoota birootiif of eeggannoo taasisu.
miidhaa nama irratti hin yaadan;
Kabajni namootni nageenyaan akka waliin jiraatan taasisa. Wanti hubatamuu qabu,
yeroo nuti namoota biroo kabajnu, isaanis kabaju malu nuuf kennu.
; Waliigalteen jiraachuu: hawaasni tokko waliigalteen jiraachuuf nageenyi
barbaachisaadha. Hawaasni waliigaleen jiraatu hawaasa walgargaarudha. Mee muuziqaa
akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Muuziqaa keessatti, 'Kiraarri' sagalee dibbee irraa adda
ta’e qaba, dibbeen immoo sagalee ulullee irraa adda ta’e dhageessisa. Sirba bareedaa kan
uuman meeshaaleen adda addaa kun walitti dhufanii akka tokkootti yeroo hojjetanidha.
Haaluma walfakkaatuun hawaasni garaagarummaa afaanii, amantaa, aadaafi kan kana
fakkaatu yoo qabataniyyuu garaagarummaa isaanii fudhachuun waliin hojjachaa biyya
ofii gara guddiinatti ceesisuun nidanda’ama.
; Obsa: Dandeettii yeroo rakkoon numudatu tasgabbii qabaachuuti. Namni obsa qabeessa
ta’e tokko dhiibbaa gocha isaatiin isatti dhufu gaariis haata’u badaa nihubata. Kana
jechuun yeroo garmalee miira hamaa keessa seenan murtoo barbaachisaa murteessuu
irraa of qusatu. Kunis murtoo booda isaan gaabbisiisu akka hin murteessineef isaan
gargaara. Obsi namoota naannoo keenya jiran waliin hariiroo gaarii akka qabaannuf
nugargaara.
; Waan qaban qooduu: Dandeettii waan qaban irraa namoota biroof qooduun waliin
jiraachuuti. Waan qaban waliif qooduun namootni duudhaa haqummaa akka hubatan
gargaara. Yeroo waan qabnu namaaf qoodnu, namootnis waan qabanirraa nuuf qoodu.
Barattootni gocha kana umurii daa’immummaa irraa eegaluun shaakalaa yoodeeman,
yeroo ga’eessa ta’an namoota arjaafi namaaf yaadan akka ta’aniif isaan gargaara.
; Waliin dubbii: Dandeettii namoota biroo waliin yaada wal jijjiiruuti. Waliin dubbiin
ilaalcha namoota biroo hubachuuf barbaachisaadha. Barattootni maatiifi barsiisaa
isaanii waliin akka dudubbatan, yaada isaanii akka wal jijjiiran taasisa. Itoophiyaan
biyya guddoo uummata aadaa, amantaa, afaaniifi saboota adda addaa qaban of keessaa
qabdudha. Garaagarummaan kunis madda beekumsaati. Haata’u malee, beekumsa sana
argachuufi irraa fayyadamuuf dandeettii gadifageenyaan waliin mari’achuu gaafata.
; Nageenya mirkaneessuu: nuti hundi keenya miseensa hawaasaati. Wanti hawaasa
keessatti ta’u jireenya keenya irratti dhiibbaa qaba. Akka miseensota hawaasaatti yeroo
nageenyiifi tasgabbiin hawaasa keessatti argamu fayyadamtoota nageenyaafi tasgabbii
sanaa taana. Haaluma walfakkaatuun walitti bu’iinsi jiraachuun jireenya keenya irratti
dhiibbaa qaba. Kanaafuu, nageenya eegsisuufi misooma hawaasaa itti fufsiisuun itti
gaafatamummaa nama hundaati.
6.2 Walta’iinsa
Walta’iinsi:
) kan uumamu yeroo namootni walfaana hojjetaniifi wal gargaaruuf fedhii agarsiisaniidha;
) namoota haaraa wajjin wal baruufi michummaa uumuuf nugargaara.
) barattoonni gaddaafi gammachuu walii isaanii keessatti akka hirmaatan dandeessisa.
Kunimmoo dandeettii waliif yaaduu isaanii dagaagsa.
) barattootni rakkoo waliigaltee maatii, barsiisotaafi hiriyoota waliin akka hin qabaanne
taasisa.
) dandeettii irra deddeebiidhaan shaakalamee gonfatamudha.
Gochi nuti guyyaa guyyaadhaan dalagnu, gara fuula duraatti nama nuti ta’uu feenu
nutaasisa. Fakkeenyaaf barattootni yeroo guddatan Barsiisaa, Injinera, Doktoraafi kan kana
fakkaatan ta’uu barbaadu. Ogummaawwan kunniin ogummaa ittigaafatamummaa guddaa
barbaadanidha. Ittigaafatamummaa isaanii raawwachuu irratti milkaa’uuf barattootni
namoota naannoo isaanii jiran waliin hariiroo hojii gaarii qabaachuu qabu. Namni kamiyyuu
kophaa isaa yeroo hunda hojjechuudhaan ogummaawwan kanneen keessatti milkaa’uu
hindanda’u. Barattoonni umurii xiqqaatti dandeettii namoota waliin hariiroo gaarii uumuu
yoo hin dandeenye, yeroo guddatan hariiroon namoota waliin qaban laafaa ta’a.
Jireenya dhala namaa keessatti barumsi guddaan gatii walta’iinsaa hubachuudha. Gochaaleen
jireenya keenya fooyyeffachuuf raawwannu milkaa’ina kan qabaatu, yoo nuti walta’uun
hojjenneedha. Walta’iinsi akkamitti namoota waliin akka jiraannu, hojjennuufi namoota
kabajnu nubarsiisa. Faayidaa walta’insaa keessaa muraasni isaanii:
) Dandeettii dhaggeeffachuu keenyaa dagaagsa: dhaggeeffachuun gahee keenya
hubachuuf, ilaalcha namoota biroo hubachuufi beekumsa haaraa akka argannuuf
nugargaara.
) Dandeetti namoota fulduratti dubbachuu nugonfachiisa. Walta’iinsi dandeettii
namoota biroo wajjiin walii galuu akka qabaannu nu gargaara. Barattoonni yeroo gareen
waliin mari’atan yaada isaani sodaa malee dubbachuu, yaada garee isaanii kabajuu,
tasgabbaa’uufi yaada ifaa ta’e dubbachuu qabu.
Guduunfaa
Jireenya gaarii jiraachuuf nageenyi ilma namaaf barbaachisaadha. Nageenyaan ala wanti
gaarii ta’e kamiyyuu dalagamuu hindanda’u. Nageenyi dhala namaaf bu’uuradha. Dhalli
namaa amaloota kanneen akka namaaf yaaduu, jaalala, waliigalteen hojjechuufi kan kana
fakkaatan waliin kan dhalatedha.
Walta’iinsi faayidaalee garaagaraa qaba. Faayidaaleen walta’iinsaa kunneen sadarkaa
mana barnootaa, maatiifi hawaasaatti ilaalamuu nidanda’a. walta’iinsi barattootaaf walitti
dhufeenya isaanii cimsuuf, rakkoo akka salphaatti hiikuuf, beekamtii angafoota irraa
argachuuf isaan gargaara.
Hiika Jechootaa
Amantaa: ilaalcha namni tokko dhugummaa, amanamummaafi waan gaarii hojjechuuf
qabudha.
Iftoomina: ilaalchaafi beekumsa qabnu ifatti mul’isuudha
Waliin dubbii: haasaa namoota lamaafi isaa ol gidduutti taasifamuudha.
I: Himoota
armaan gadii sirrii yoota’an 'Dhugaa' sirrii yoo hintaane immoo 'Soba'
jechuun deebisi.
1. Jireenya keenya keessatti gaheen nageenyaafi walta’iinsaa hagas barbaachisaa miti.
2. Barbaachisummaa walta’iinsaa keessaa tokko rakkoo furuufidha.
3. Dandeettiin yeroo rakkoon numudatu tasgabbiin ilaaluu waliin dubbii jedhama.
4. Yeroo nageenyi jirus ta’e nageenyi hinjirretti kenniinsa tajaajilaa kanneen
akka barnootaafi eegumsa fayyaa mirkaneessuun nidandaa’ama.
5. Nageenyi amala dhala namaa yeroofi iddoo hundatti hojiirra ooludha.
II: Gaaffilee armaan gadiif qubee deebii sirrii qabatee jiru filadhu
1. Kanneen armaan gadii keessaa nageenya ilaalchisee kamtu sirrii miti?
A. Nageenyi hirmaannaa qondaaltoota mootummaa qofaan mirkanaa’uu nidanda’a.
B. Nageenya mirkaneessuun hojii yeroo hundaati.
C. Dhalli namaa hundi yeroo hunda nagaa barbaada.
2. Faayidaa nageenyi dhala namaaf qabu kan hintaane kami?
A. Jeequmsa irraa bilisa ta’uu
B. Bilisummaa mirga namaa sarbuu
C. Hunduu deebii nita’a.
3. Kanneen armaan gadii keessaa fakkeenya ibsitoota nageenyaa kan ta’e kami?
A. Waliigalteen jiraachuu
B. Obsa qabachuu
C. Waliindubbii
D. Hunduu deebiidha
አ ዲ ስ አ በ ባ ከ ተ ማ አ ስ ተ ዳ ድ ር ት ም ህ ር ት ቢ ሮ
BIIROO BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI
CITY GOVERNMENT OF ADDIS ABABA EDUCATION BUREAU
Kitaaba Barataa Kutaa 6FFAA